Humni Galaanaa Itiyoophiyaa humna dandeettii dabalataa Raayyaa Ittisaaf uumu ta’uun ergama fuulduratti kennamu kutannoon bahachuu qaba-F/M Birhaanuu Juulaa

Humni Galaanaa Itiyoophiyaa humna dandeettii dabalataa Raayyaa Ittisaaf uumu ta’uun ergama fuulduratti kennamu kutannoon bahachuu qaba-F/M Birhaanuu Juulaa

Finfinnee, Amajjii 14, 2016 (FBC)- Humni Galaanaa Itiyoophiyaa humna dandeettii dabalataa Raayyaa Ittisaaf uumu ta’uun ergama fuulduratti kennamu kutannoon bahachuu qaba jedhan Itaamaajoor Shuumiin Waliigalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaan.

Humni galaanaa amma ijaarame humna cimaa fi tokkicha, qaama bishaaniirratti dirqama itti kennamu bahachuu danda’uu fi Humna Raayyaa Ittisaaf dandeetti dabalataa kan uumu akka ta’uutti ijaaramuu dubbataniiru.

Humnoonni Galaanaa dhimmoota ogummaa isaaniin walqabatan irratti qajeeltoowwan saayinsaawaa idil addunyaa, dhimmoota nageenyaa, seerota galaanarraa hordofuun lammii biyyaa isanii tajaajilanii fi jaallatan taasisuun hoggantootarraa kan eegamu ta’uu dubbataniiru.

Hoggantoonni humna galaanaa haala idil addunyaa, ardii fi naannawaa giddugaleeffachuun ijaarsa xiinsammuu raayyaarratti xiyyeeffachuun Humni Galaanaa ergama biyyaalessaa fi dhaabbatummaa kennamu kutannoon bahachuuf qophii akka ta’an Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaan hubachiisaniiru.

Ajajaan Humna Galaanaa Itiyoophiyaa Adimiiraal Naasir Abbaa Diggaa, Humni Galaanaa hanga ammaatti hojiilee hojjete ilaalchisee ibsa kan kennan yoo ta’u, humnichi ogummaa naavigeeshinii, injiinariingii, elektirisitii, kominikeeshinii fi armaamentiin biyya keessaa fi alatti kan leenji’an ta’uun ibsuu ragaan raayyaa ittisa biyyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment