Humni Galaanaa Itiyoophiyaa dhimmoota nageenyaa fi dippilomaasii cimsuu qaba-Hayyoota

Finfinnee, Onkololeessa 7, 2016 (FBC)- Humni Galaanaa Itiyoophiyaa hojiileen isaa akka milkaa’uuf dhimmoota nageenyaa fi dippiloomaasii cimsuu qaba jechuun Hayyoonni akkeekan.

Hayyoonni Faanaa Biroodkaastiingi Koorporeet waliin turtii taasisan, hojiilee ulaa galaanaa biyyoota ollaa waliin mari’achuun Itiyoophiyaan waan barbaaddu argachuuf kan tumsu ta’uu ibsaniiru.

Humnoonni galaanaa gurmaa’uun faayidaalee hedduu kan qabu ta’uu Qorataa fi Barsiisaan Dhimmoota Nageenyaa Yuunivarsiitii Waachaamoo Dooktar Tamasgeen Toomaas, walitti hidhamiinsi diinagdee akka jiraatuu fi nageenyaa waloo, walta’iinsaan eeguuf ulaan galaanaa jiraachuun gahee olaanaa qaba jedhan.

Humni galaanaa gurmaa’uun hojiilee ulaa galaanaa hojjechuf akka ta’e kan kaasan ammoo Hayyuun Saayinsii Siyaasaa fi Hariiroo Idil Addunyaa Dayyaamoo Daalleen biyyoonni dandeetti qaban hunduu dhimma akkanarratti akka hojjetan himu.

Daldala alaa Itiyoophiyaa to’achuuf sochii naannawaa Galaana Diimaa xiinxaluuf qoodni humna galaanaa olaanaa ta’uu ibsaniiru.

Biyyoota ollaa waliin mari’achuufis sababoonni hedduun jiraachuun, misoomaa fi nageenya waloof jecha daandiilee dippiloomaasii cimsuun barbachisaa ta’uu eeraniiru.

Haayimaanot Wandiraaditu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment