Humni Galaanaa Ameerikaa Diroonoota Hawutii 12 haleeluu beeksiise

Finfinnee, Mudde 17, 2016 (FBC) – Humni Galaanaa Ameerikaa Kibba Galaana Diimaatti Diroonoota Hawutii 12 haleeluun kuffisuu beeksiiseera.

Duula Kibba Galaana Diimaatti taasiiseen Misaa’eeloota Baalaastiikaa Farra Doonii 3, Misaa’eela Kiruuz 3 fi Diroonoota Hawutii 12 rukutee kuffisuu Ajajni Giddu Galeessaa Ameerikaa ibseera.

Humni Giddugaleessa Ameerikaa kana haa jedhu malee Hidhattoonni Hawutii ammoo naannawaa to’atee socha’aa jirutti Doonii tokkorratti haleellaa Misaa’eelaa raawwachuu beeksisaniiru.

Akkasumas naannawaa bulchiinsa Yeemanitti Buufata Ilaat jedhamu Misaa’eelaan haleeluu Pirees TVn gabaaseera.

Hawutiin deeggarsa Filisxeemootaaf qabu agarsiisuuf jecha naannawaa Galaana Diimaatti Dooniwwan biyyoota Isiraa’eel deeggaranii irra deddeebiin haleelaa jiraachuu ibsameera.

Sababa kanaan sararri Galaana Diimaa sodaa nageenyaa hamaa keessa jiraachuu eerameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment