Humni Elektirikaa Ityoophiyaa fi  Saafriikoom waliigaltee kiraa sarara Faayibarii Optikaalaa waliif mallatteessan

Finfinnee, Bitootessa 2, 2014 (FBC)- Humni Elektirikaa Ityoophiyaa fi  dhaabbanni Saafriikoom waliigaltee kiraa sarara Faayibarii Optikaalaa waliif mallatteessuu ibsame.

Waligalticha hojii raawwachiisaa olaanaan Humna Elektirikaa Ityoophiyaa obbo Ashabbir Baalchaa fi hojii raawwachiisaa olaanaan Saafriikoom-Ityoophiyaa Anwaar Soowuusaan mallatteessaniiru.

Waliigaltichi kiraa sarara Faayibarii Optikaalaa boqonnaa jalqabaan kiiloomeetira 4097, boqonnaa 2ffaan kiiloomeetira 2078 fi boqonnaa 3ffaan kiiloomeetira 2904 kan haammatu ta’uu ibsameera.

Waliigaltichi dhaabbileen lameen waliin akka hojjetaniif bu’uura kan kaa’u ta’uu hojii raawwachiisaan Humna Elektirikaa Ityoophiyaa obbo Ashabbir Baalchaa ibsaniiru.

Dhaabbatichi anniisaa maddisiisuu fi daddabarsuurra darbee tattaaffii damee teelekoomii diijitaala taasisuuf godhamu keessatti qoodasaa ba’achaa jiraachuu eeraniiru.

Waliigaltichi Saafriikoomiif akka jalqabbii gaariitti kan ilaalamuu fi fayyadamummaa waloo kan guddisu waan ta’eef carraa gaarii ta’uu ibsaniiru.

Hojii raawwachiisaan dhaabbata Saafriikoom- Ityoophiyaa Anwaar Soowuusaa gamasaaniin guddina Ityoophiyaan damee teelekoomiin agarsiisaa jirtu dinqisiifachuun waliigaltichi fedhii dhaabbaticha waliin hojjechuuf qaban kan cimsu ta’uu ibsaniiru.

Dhaabbatichi tattaaffii taraanisfoormeeshinii diijitaalaa milkeessuuf taasifamu keessatti qoodasaa ba’achuuf qophii ta’uu eeraniiru.

Tajaajila teelekoomii qulqullina qabuu fi sadarkaasaa eeggate hawaasaaf dhiyeessuuf hojjetamaa jiraachuu ibsuu isaanii ragaan Humna Elektirikaa Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment