Humni Elekrikaa baatiwwan sadan darban galii Birrii biiliyoona 8.7 ol argachuu ibse

Finfinnee, Sadaasa 13, 2017 (FBC) – Humni Elekrikaa Itiyoophiyaa baatiwwan sadan darban gurgurtaa humna biyya keessaaf dhiyeessarraa galii Birrii biiliyoona 8 fi miiliyoona 700 ol argachuu beeksiseera.

Dhaabbatichi raawwii hojii kurmaana 1ffaa qorateera.

Huma Tajaajila biyya keessaaf dhiyaaterraa galii Birrii biiliyoona 8 fi miiliyoona 700 fi Humna Daataa Maayiniingiif dhiyaaterraa Galiin Doolaarri Ameerikaa miiliyoonni 59 fi kumni 400 ol argamuu gamaaggamichaan ibsameera.

Bara baajataa kana Piroojektoonni Anniisaa Meegaa Waattii kuma 7 fi 200 ol maddisiisuu danda’an 5 ijaaramaa jiraachuu ka’eera.

Kurmaana 1ffaa darbe keessaa Humna saa’aatii Giigaa Waattii kuma 6 fi 501 maddisiisuun danda’amuu ragaan fuula dhaabbatichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment