Humni Eegumsa Rippabilikaa miseensota Shaneerratti tarkaanfii fudhate

Finfinnee, Sadaasa 12, 2016 (FBC)- Humni Eegumsa Rippabilikaa miseensota garee shororkeessaa Shaneerratti tarkaanfii fudhachuu beeksise.

Naannawaa Shawaa Kibba Lixaa, Sabbataa, Hawaasii fi Qarsaa Maallimaatti socho’uun nageenya hawaasaa jeeqaa kan turan miseensota garicharratti tarkaanfii fudhachuu beeksiseera.

Ajajaan kutaa waraanichaa tarkaanfii fudhateen miseenota garichaarratti tarkaanfii yoo fudhatu meeshalee waraanaa garaagaraa booji’uun ibsameera.

Haaluma hoggansaa fi farreen nageenyaa 13’rratti tarkaanfii yoo fudhatamu kilaashii 8, rasaasa kilaashii 350, kuusaa rasaasaa 17, hidhannoo mudhii 7 fi shugguxii 1 booji’uu ibseera.

Hawaasni naanniwichaa gochaa garichaan dararamaa turan eeruu kennuu fi kallattii argisiisuun milkaa’ina ergamichaaf gumaacha olaanaa waan taasisaniif galateeffateera.

Fuuldurattis, hawaasni Raayyaa Ittisaa cinaa dhaabbachuun tarkaanfii fudhatamuuf tumsa taasisu cimsee akka itti fufu gaafachuu ragaan Raayyaa Ittisa Biyyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment