Humni Eegumsa Rippaabilikaafi Humni Koomaandoofi Qilleensarraa ergama isaanii haala bu’aa qabeessa ta’een ba’achuu ibsame

Finfinnee, Amajjii 3, 2015(FBC)- Duula birmadummaa biyyaa kabachiisuu keessatti Humni Eegumsa Rippaabilikaafi Humni Koomaandoofi Qilleensarraa ergama itti kenname karaa bu’aa qabeessa ta’een ba’achuu Mejer Jeneraal  Abdirroo Kadir ibsan.

Humni eegumsa Rippaabilikaa leenjistoota giddugala leenjii Koomaandoofi Humna Qilleensaaf sagantaa galataa qopheesseera.

Ittaanaan Ajajaa Humna Eeegumsaa Rippaabilikaa Meejer Jeneraal Abdurroo Kadir haasawaa saganticharratti taasisaniin, Giddugalli Leenjii Koomaandoofi Humna Qilleensarraa Bilaatee yeroo yerootti dhaabbaticha humna nama leenji’een guutuufi adeemsi ijaarsa Raayyaa Ittisaa ammayyaa galma akka gahuuf kutannoon hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Duula birmadummaa biyyaa kabachiisuu darbe keessatti Humni Eegumsa Rippaabilikaafi Humni Koomaandoofi Qilleensarraa ergama itti kenname karaa bu’aa qabeessa ta’een ba’achuu ibsuusaanii ragaan Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment