Humni Eegdoota Rippaablikaanii manneen jireenyaa harka qalleeyyii haaromse kenne

Finfinnee, Adooleessa 8, 2013 (FBC) – Humni Eegdoota Rippaablikaanii manneen jireenyaa harka qalleeyyii kutaa magaalaa Araadaatti haaromse jiraattootaaf deebisee laateera.
Humni kun yeroo baatii tokko hin guunne keessatti manneen Haaromse jiraattoota kanneeniif dabarseera.
Miseensonni garicha mindaa isaanirratti Birrii miiliyoona 2 ol walitti buusuun manneen jireenyaa harka qalleeyyii Bilookkeettin haaromsuun laataniiru.
Haaromsaan ala Siree, Firaashii, uffata qorraa fi halkanii bifa kenneen laataniiru.
Hojii Raawwachiiftuu olaantuun kutaa magaalaa Araadaa Dooktar Haannaa Yeshiinigus kutaa magaalichaatti ganna kana manneen maanguddootaa fi harka qalleeyyii 190 haaromsuuf karoorfamuu himaniiru.
Humni Eegdoota Rippaablikaanii kunneen adda durummaan manneen jireenyaa harka qalleeyyii saffisaa fi qulqullinaan haaromsuun kennuu ibsaniiru.
Dabalataan tola ooltoota hirmaachisuun manneen haaraa 80 ijaaruu fi hojiin haarsomsuu hojjetamaa jiraachuu himaniiru.
Maddi:-TOI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment