Humni ABO shanee dadhabaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Muddee 5, 2013 (FBC) – Humni ABO shanee dadhabaa jiraachuu Komishiniin Poolisii Oromiyaa beeksise.
Itti anaan Komishinara Komishinii Poolisii Oromiyaa Komishinar Girmaa Galaan Faanaa Broodkaastiing Koorporeetiif akka himanitti ABO shaneef deeggarsa Loojaktiksii dhiyeessaa kan ture gareen ABUT barbadaa’uu isaan gareen magaaloota Oromiyaa garaagaraa keessatti maqaa Abbaa Torbeen socho’aa turee fi ABO shaneen bosona keessa hidhannoon socho’aa ture dadhabaa dhufuu ibsaniiru.
Itti aanaan Komishinara Girmaa Galaan ABO shanee fi Abbaa Torbee qaamoole nageenyaa federaalaa fi dhaabbilee tika nageenyaa, akkasumas Komishinii Poolisii magaalaa Finfinnee waliin ta’uun guutumaan guutuutti barbadeessuuf hojjetamaa jiraachuu himaniiru.
Yeroo ammaa magaalota Oromiyaa garaagaraa keessatti Abbaan Torbee haleellaa fi badii akka raawwatu namoonni gurmeessaa turan 9 too’annoo jala ooluun dhimmi isaanii qoratamaa jiraachuu ibsaniiru.
Akkasumas namoonni ABO shanee bosona keessa jiru qajeelchaa turanii fi meeshaalee waraanaa seeraan alaa daddabarsaa turan 116 too’atamnuun dhimmi isaanii qulqullaa’aa akka jiru eeraniiru.
Gareen finxaaleyyii ABUT humna ABO shanee fi Abbaa Torbeef nyaata, humna namaa, leenjii, hidhannoo fi meeshaalee biroo dhiyeessaa ture barbadaa’uu isaan humni garichaa dadhabaa dhufuu eeraniiru.
Farreen nageenyaa ummata keessa dhokachuun socho’aa jiran kanneen guutumaan guututti barbadeessuun nageenya naannichaa mirkaneessuuf hawaasni yakkamtoota dabarsee laachuu akka qabu itti aanaan Komishinara Komishinii Poolisii Oromiyaa Girmaa galaan waamicha dhiyeessaniiru.
Tizzitaa Dassaalenyitu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment