Humna Qilleensaaf deeggarsi meesaalee Birrii miiliyoona 32’tti tilmaamaman taasifame

Finfinnee, Onkololeessa 17, 2017 (FBC)-Ministeerri Galiiwwanii Koomiishinii Gumurukaa waliin ta’uun ijaarsa manneen Raayyaa Humna Qilleensaaf meeshaalee Birrii miiliyoona 32’tti tilmaamaman deeggarsa taasise.

Deeggarsichaas Minsitirri Galiiwwanii Ayinaalem Nugusee fi Komishinarri Koomishinii Gumurukaa Dabalaee Qaabaatan, Ajaajaa Olaanaa Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa Leetenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaatti kennaniiru.

Wayitaa walharkaa fuudhiinsichaatti, Aadde Ayinaalem akka jedhanitti, Raayyaan Ittisaa keessumaa Humni Qilleensaa fakkeenya ijaarsa dhaabbileeti.

Deeggarsi taasifames riifoormii dhaabbatichi eegale tumsuuf kan gargaaru ta’uu dubbataniiru.

Leetenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaan gama isaaniin, Raayyaa qabeenyaa namaan, hidhannoo fi haamileen cimaa ijaaruuf hojjetamaa jiraachuu ibsanii, deeggarsi taasifamees ijaarsa manneen raayyaaf akka oolu dubbataniiru.

Qondaaltonni kunneen hojiilee misoomaa mooraa Humni Qilleensaatti hojjetamaa jiran daawwachuu ragaan Ministeera Galiwwaniirraa argame ni mu’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment