Humna Qilleensa Itiyoophiyaatti sagantaan beekkamtii fi galateeffannaa gaggeeffame

Finfinnee, Mudde 5, 2016 (FBC)- Humna Qilleensa Itiyoophiyaatti sagantaan beekkamtii fi galateeffannaa gaggeeffameera.

Saganticharratti Itaamaajoor Shuumiin Waliigalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaan, Waajjira Ministira Muummee, Kutaalee Raayyaa Ittisa Byyaa fi Miseensota Raayyaa Ittisaa garaagaraaf kennaa arjoomaniiru.

Sagantaan beekkamtii fi galateeffannaa kanarratti Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaan guyyaa hundeeffamaa Humna qilleensaa Itiyoophiyaa waggaa 88ffaa kabajuuf Itiyoophyaa kan dhufan Ajajaa Humna Qilleensaa Gamtaa Emereetota Arabaa Meejer Jeneraal Ibiraahiim Naasiriin galateeffataniiru.

Saganticharratti Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaan, miseensonni Humna Qilleensaa Gamtaa Emereetota Arabaa Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa waliin hojjechuuf argisiisaa humna qilleensaa dhiyeessanirraa muuxanno olaanaa arganna jedhan.

Guyyaan kabajamus maqaa gaarii Humna Qilleensaa calaqqisiisuu bira darbee gaachana ummataa ta’uu keenya kan mirkaneessuudha jechuu isaanii ragaan Raayyaa Ittisa Biyyaarraa argame ni mul’isa.

Guyyaa hundeeffama Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa waggaa 88ffaa Boruu kabajamurratti argisiisni Humna Qilleensaa moggaasa “Xiqur Ambassaa” jedhuun balaliistonni humna Qilleensaa Itiyoophiyaa balaliistota Humna Qilleensaa Gamtaa Emereetota Arabaa waliiin ta’uun akka dhiyeessan eegama.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment