Humna nageenyaa naannichaa beekumsa saayinsaawaan akka gahooman ni hojjetama-Obbo Araggaa Kabbadaa

Finfinnee, Waxabajjii 17, 2016 (FBC)- Humna nageenyaa Naannoo Amaaraa teeknoolojii ammayyaa’aan ijaaruu fi beekumsaa saayinsaawaan akka gahooman taasisuuf ni hojjetama jedhan Pireezidaantiin Naannichaa Obbo Araggaa Kabbadaan.

Waltajjiin marii gamaaggama raawwii guyyoota 100, hordoffii fi deeggarsaa akkasumas kallatti fuulduree Biironageenyaa Naanichaa gaggeeffameera.

Xumura waltajjichaarratti Obbo Araggaa Kabbadaan qajeelfama hojii kennaniin, Raayyaan Ittisaa, humni nageenyaa naannichaa fi hoggansi siyaasaa ummata waliin ta’uun hojiilee hojjetaniin nageenyi naannichaa mirkanaa’aa dhufuu ibsan.

Nageenya yeroo ammaa mirkana’aa jiru waarinaan bu’uuressuuf humnoota nageenyaa naannichaa teeknooloojiiwwan ammayyaan ijaaruu fi beekumsa saayinsaawaan akka gabbataan taasisuuf hojiileen hojjetaman cimee akka itti fufu akeekaniiru.

Kunis mootummaan ergama ummataan itti kenname haala guutuu ta’een akka raawwatuuf kan dandeessisu humna nageenyaa ijaaruuf gargaara jechuu isaanii TOI gabaseera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment