Humna Elektirikaa biyyoota Ollaatti gurguramerraa Galiin Doolaarri miiliyoonni 13 ol argame

Finfinnee, Fulbaana 30, 2015 (FBC) – Baatiwwan lamaan darban Humna Elektirikaa Sudaanii fi Jiibuutiitti gurguramerraa Galiin Doolaarri miiliyoonni 13 ol argamuu Humni Elektirikaa Ityoophiyaa beeksiise.

Baatiwwan lamaan darban Jiibuutii fi Sudaanitti Humna Elektirikaa sa’aatii Kiiloo Waattiin miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 32 .76 dhiyeessuun galiin doolaarri miiliyoonni 13 ol argamuu eerameera.

Sudaaniif Humna Elektirikaa sa’aatii kiiloo Waattii miiliyoona 112.36 dhiyeessuun Galii Doolaara miiliyoona 5.61, Jiibuutiif ammo Humna Elektirikaa Sa’aatii Kiiloo Waattii miiliyoona 120.39 dhiyeessuun Galii Doolaara miiliyoona 7.42 argamuu Hojii Gaggeessaan Waajjira Gurgurtaa fi Bulchiinsa Maamiltootaa Kutaa Gabaa fi Misooma Bizinasii dhaabbatichaa Obbo Minilik Geetahuun ibsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment