Humna eegumsa rippaabilaakanii Miseensota humna addaa leenjise eebbisiise

Finfinnee, Guraandhala 30, 2016 (FBC)- Humna Eegumsa Rippaabilaakanii miseensota humna addaa leenjise har’a eebbisiiseera.

Sirna eebbichaarratti Ajaajaa Humna EegumsaRippaabilikaanii Meejer Jeneraal Abdirroo Kadiir, Komishinara Jeneraalaa Poolisii Federaalaa Dammallaash Gabra Mikaa’eelii fi qondaaltonni biroon argamaniiru.

Meejer Jeneraal Abdirroo Kadiir akka jedhanitti, humni eegumsaa rippaabilikaanii ergama hundeeffameef ga’umsaan akka raawwatuuf leenjiiwwan kennuun ga’umsa haamilee cimsaa hidhannoowwan ammaayaa’oon of gurmeessaa jira.

Yeroo garaagaraatti eegumsa addaa ammayyaa’aa hanga waraana idileetti riphee loltummaarratti hirmaachuun bu’aalee olaanaan galmeessan raawwii ergama hundagaleessaaf ga’umsaa isaanii akka mirkaneessuu dubbataniiru.

Eebbifamtoonnis leenjichi leenjii boqonnaa xumuraa akka hintaane hubachuun yeroo kamuu ergama fooyya’aaf of akka qopheessan hubachiisuu ragaan Raayyaa Ittisa Biyyaarraa argame ni mul’isa.

Komishinar Dammallaash Gabira Mikaa’eel gama isaaniin, humni eegumsa rippaabilikaanii wayita biyyattii rakkoon mudateetti adda kamituu hiriruun haala addaan gootummaan kutaa raawwachaa jiruudha jedhan.

Finfinneetti haala nageenyaa kamuu keessatti Poolisii Federaalaa fi Poolisii Magaalaa Finfinnee waliin qindoominaan nageenyaa magaalattii kabajachiiseera jedhan.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment