Humna Badhaadhina Itiyoophiyaa itti fufsiisu horaneerra – Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa

Finfinnee, Fulbaana 28, 2017 (FBC) – Humna nageenyaa badhaadhinaa fi guddina Itiyoophiyaa itti fufsiisu danda’u horaneerra jedhan Itaamaajoor Shuumiin Waliigalaa Raayyaa Ittisaa Biyyaa Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaan.

Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaan hidhannoowwan Giddugala mirkaneessa qophummaatti kanneen Guutummaatti Koorporeeshinii Injinariingii Raayyaa Ittisaan fooyya’anii suphaman daawwataniiru.

Ergama biyyaalessaa gufuu tokko malee bahachuu kan danda’u humna amansiisaa horanneerra jedhan daawwannicharratti.

Yeroo itti aanus sadarkaa qophummaa Raayya Ittisaa caalmaatti guddisuuf ciminaan ni hojjetama jedhaniiru.

Comments (0)
Add Comment