Humna Addaa naannoo Amaaraa karaa addaan hidhannoo hiikkachiisuuf murtoon darbe hin jiru- Pireezidaantii naannichaa

Finfinnee, Eebla 1, 2015(FBC)- Humna Addaa naannoo Amaaraa karaa addaan hidhannoo hiikkachiisuufi bittimsuuf murtoon darbe hin jiru jedhan Pireezidaantiin naannichaa Dooktar Yiliqaal Kaffaalaan.

Pireezidaantiin naannoo Amaaraa Dooktar Yiliqaal Kaffaalaan haala yeroo ilaalchisuun ibsa laataniiru.

Ibsasaaniin, sadarkaa biyyaalessaatti humna addaa naannolee hundaa dhaabbilee nageenyaa federaalaatti gurmeessuuf murtaa’uu ibsuun, gara hojiitti galamuusa kaasaniiru.

Murtichi waliigaltee mootummaa federaalafi mootummoota naannoleen kan darbe ta’uu yaadachiisuun, murtichi naannolee hundatti hojiirra kan oolu ta’uu ibsaniiru.

Naannoo Amaaraattis murticha hojiirra oolchuuf hojjetamaa jiraachuufi caasaa nageenyaa waliin mari’atamuu eeraniiru.

Raawwiirratti qaawwaan mul’achuufi holola afarfameen rakkooleen mudachuu ibsaniiru.

Rakkoon utuma jiraateeyyuu mariin furuun ni danda’ama kan jedhan Dooktar Yiliqaal, miseensi humna addaa naannichaa baay’een maricha xumuruun murticha kaampii keessa taa’ee eegaa jiraachuu beeksisaniiru.

Murtichi gurmaa’iinsa fooyya’aan itti gaafatamummaa isaa akka ba’atu kan dandeessisu ta’uu addeessuun, humni addaa naannichaa kaayyoo isaa hubachuun ergama caaluuf akka of qopheessu waamicha dhiyeessaniiru.

Kaayyoon isaas tokkummaa biyyaalessaa kan cimsu, waliin jireenya kan itti fufsiisuufi caaseffamni nageenyaa naannoottis ta’e sadarkaa federaalaatti kan wal dubbisuufi seera kan bu’uureffate akka ta’u taasisuudha jedhan.

Gurmaa’iinsi kun deeggaramuu kan qabu, faayidaa damee hedduu kan qabu, tokkummaa biyyaa kan mirkaneessu ta’uu ibsuun, naannoo Amaaraa bifa addaan kan miidhu akka hin taane eeraniiru.

kaayyoo Humna Addaa naannoo Amaaraa karaa addaan hidhannoo hiikkachiisuufi bittimsuuf kan hin qabne ta’uu yaadachiisaniiru.

Qaawwaa gama hanqina odeeffannootiin uumameen magaalota naannichaa tokko tokko keessatti sochiin hiriira nagaafi sochii namaafi konkolaattotaa daangessuu mul’achaa jiraachuu kaasuun, adeemsi hin barbaachisne akka kanaa miidhaa malee bu’aa kan hin qabne ta’uu ibsaniiru.

Naannichi waraana keessa turuu yaadachiisuun, sababa waraanichaa uummanni naannichaa miidhamuu addeessaniiru.

Rakkoo tokkorraa osoo hin dandamatiin gara rakkoo biraatti cehuun uummata miidhuu ta’uus kaasaniiru.

Mariin dhimmoota hin barbaachisne dhaabuun kan danda’amu ta’uufi hundi dhimmoota miidhaa geessisan ittisuu akka qabu hubachiisaniiru.

Walitti bu’iinsi akka hin uumamneefi dargaggoonniifi abbootiin amantaa hojii isaan galateeffachiisu hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Uummanni naannichaa dhimmicha haalaan hubachuun akkasumas mari’achuun miidhaa dhaqabuu malu dursee itti yaaduun dhimmicha tasgabeessuu qaba jedhaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment