Hubannoo uumuu fi kenniinsa ragaa filannoorratti mariin gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Gurraandhala 5, 2012 (FBC) – Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Ityoophiyaa haala walga’iinsa barnoota filannoo fi kenniinsa ragaa ilaalchisee ogeeyyii miidiyaalee waliin marii gaggeessaa jira.

Marichi barnoota filattootaa, gabatee yeroo, gabaasa, naamuusa filannoo fi qajeelfama irratti xiyyeeffachuun gaggeeffamaa jira.

Akkasumas ga’ee miidiyaa, haala waliigalaa, muuxannoo seera biyyattii fi idil addunyaa haala gabaasa filannoorratti mariin kun gaggeeffamaa jira jedhame.

Marii kanarratti ogeeyyii raadiyoo hawaasaa dabalatee, miidiyaaleen naannoo fi federaalaa hirmaachaa jiru.

Haabtaamuu Taklasillaaseetu gabaase.

Comments (0)
Add Comment