Hoteelonni dabalataa ja’a adda baafamuu Ministeerri Fayyaa beeksise

Finfinnee, Bitootessa 15, 2012 (FBC) – Imaltoonni biyyoota alaa irraa gara Itoophiyaa dhufan kan keessatti adda baafamanii turan hoteelonni dabalataa ja’a adda baafamuu Ministeerri Fayyaa beeksise.

Namoonni Dilbata halkan walakkaa irraa eegalee gara biyya keessa dhufan baasii mataa isaaniin guyyoota 14’f adda of baasanii akka turan murtaa’ee ture.

Amma dura hoteelota lama Iskaaylaayitii fi Giyoon keessa akka turan kan himamee yoo ta’u, dabalataan hoteeloonni jaha adda baafamanii jiru jedhan dubbi himaan Ministeera Fayyaa Dooktar Taganee Raggaasaa.

Akka gabaasa BBCtti hoteelonni kunneenis Juppiitar, Eliyaanaa, Maagnooliyaa, Azeemaan, Beest Weestarni fi Boon Pilazaa kan jedhaman ta’uu himaniiru.

Kanneen baasii isaaniin hoteelota eeraman keessa turuu hin dandeenyeef bulchiinsi magaalaa Finfinnee iddoo qopheessuu isaa beeksisee ture.

 

Comments (0)
Add Comment