Hoteelli fi Giddugalli Gabaa Sikkoo-Mandoo Birrii miiliyoona 90 oliin ijaarame eebbifame

Finfinnee, Gurraandhala 14, 2013 (FBC) – Magaalaa Shaashamanneetti Hoteelli fi Giddugalli Gabaa Sikkoo-Mandoo Birri miiliyoona 90 oliin ijaarame eebbifameera.
Sirna kanarratti kan argaman kantiibaan magaalaa Shashamannee obbo Guutaa Laachore, eebbifamuun hoteela kanaa Magaalaan Shaashamannee rakkoo kanaan dura isii mudate dandamattee hojii Investimantii keessummeessaa jirti jedhan.
Miidiyaa hawaasaarratti odeeffannoon waa’ee nageenya Magaalaa Shaashamannee naanna’u sobaa kan jedhan obbo Guutaan, yeroo ammaa abbootiin qabeenyaa biyya alaas ta’ee keessa jiraatan, dhufanii Shaashamanneetti invasti gochuu ni danda’uu jedhan.
Oromiyaa Biroodkaasti Neetwoork akka gabaasetti abbaan qabeenyaa Hoteelaa fi Giddugala Gabaa Sikkoo_Mandoo obbo Shaafii Umar, Magaalaa Shaashamanneetti hojii misoomaa garagaraarratti kan hirmaatan ta’uu himan.
Yeroo ammaa Hotelaa fi Giddugala gabaa isaanitti namoota 70f carraa hojii dhaabbii uumuusaanii himaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment