Hospitaalli Xiqur Anbassaa xiyyeeffannoo tajaajila isaa madaalu hin arganne jedhame

Finfinnee, Sadaasa 02, 2015(FBC)- Hospitaalli Xiqur Anbassaa xiyyeeffannoo tajaajila isaa madaalu kan hin arganne ta’uu Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataatti Koreen Dhaabbii Dhimmoota Misooma Humna Namaa, Bobbii Hojiifi Teekinooloojii ibse.

Miseensonni korichaa hojiilee Kolleejjiiwwaniifi dhaabbilee Yuunivarsiitii Finfinnee jala jiranii daawwachuun gamaaggamaniiru.

Walitti qabaan korichaa Dooktar Nagarii Leencoon, Hoospitaalli Ispeeshaalaayidii Riifaraalaa Xiqur Anbassaa xiyyeeffannoofi deeggarsa baajataa tajaajila kennuufi hojii qorannoo inni hojjetuun walgitu kan hin arganne ta’uu eeraniiru.

Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Kolleejjii Fayyaa Yuunivarsiitii Finfinnee Dooktar Andu’aalam Dannaqaa gamasaaniin, hospitaalichi waggaatti dhukkubsattoota deddeebi’anii yaalaman hanga kuma dhibba 5 fi ciisanii wal’aanaman kuma 20 ta’aniif tajaajila kan kennu ta’uu ibsaniiru.

Hospitaalichi sababa hanqina baajataafi dhiphina iddoon rakkachuu kaasaniiru.

Giddugaloonni barnootaafi fayyaa Yuunivarsiitii Finfinnee jala jiran xiyyeeffannoo barbaachisaa akka argataniif korichi qaamolee dhimmatootaa waliin kan hojjetu ta’uu Dooktar Nagarii Leencoon ibsuu ragaan mana marichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment