Hospitaalli Rifeeraalaa Ajaja Bahaa Sadarkaa 3ffaan ogeeyyii yaala fayyaa leenjisaa ture eebbisiise

Finfinnee, Adoolessa 6, 2016 (FBC) – Hospitaalli Rifeeraalaa Ajaja Bahaa Sadarkaa 3ffaan ogeeyyii ogummaa yaala fayyaa garaagaraan leenjisaa ture 800 eebbisiiseera.
Eebbifamtoota har’aa keessaa 168 dubartoota ta’uu eerameera.
Itaamaajoorii Waliigalaa Humna Raayyaa Ittisaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa, Ajajaa Olaanaa Humna Qilleensaa Leetanaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa fi Kantibaa Magaalaa Dirre Dhawaa Obbo Kadir Juhaar dabalatee qondaaltooni raayyaa Ittisaa fi keessummoonni waamichi taasiifameef saganticharratti argamuu TOI gabaase.
Comments (0)
Add Comment