Hospitaalli Kombolchaa gara tajaajilaatti deebi’uu hordofee tajaajilamtootaaf aaragalfii uumeera-Ministeera Fayyaa

Finfinnee, Gurraandhala 1, 2014 (FBC)- Sababa waraanaatiin miidhaa fi samichi hamaan kan irra ga’ee Hospitaalli waliigalaa Kombolchaa tajaajila laachuu eegaluun tajaajilamtootaaf aaragalfii uumuu Ministeerri Fayyaa beeksiseera.

Hospitaaalichi deeggarsa taasifameefi suphamuu fi meeshaaleen barbadaa’aan bakka buufamuun tajaajila laachuu eegaluusaan hawaasa naannichaaf aaragalfii uumuu daayreektarri meedikaalaa hospitaalichaa Dooktar Tafarii Gobaazeen ibsaniiru.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment