Hospitaalli Ispeeshaalaayizd Dasee guyyaa boruurraa eegale tajaajila baqaqsanii yaalu akka eegaluu ibse

Finfinnee, Eebila 9, 2014 (FBC) – Hospitaalli Ispeeshaalaayizd Dasee guyyaa boruurraa eegale tajaajila baqaqsanii yaalu kennu akka eegaluu beeksiseera.

Garee shororkeessaa ABUT’n kan barbadaa’e Hospitaalli Ispeeshaalaayizd  Dasee deeggarsa dhaabbilee gargaartootaa irraa argateen kutaan tajaajila baqaqsanii yaaluu guyyaa boruurraa eegalee gara hojiitti kan galuu ta’uus himeera.

Hojii Gageessaan Hospitaalichaa Dooktar Haayimanoot Ayyalaa, hospitaalichi kanaan dura maashinoota tajaajila baqaqsanii yaaluuf oolan 8 ol kan qabu ta’uu fi sababa haleellaa garee shororkeessaa ABUT’n barbadaa’aniiru jedhan.

Dhaabbata Namoonni Namootaaf irraa Birrii miiliyoona 5 akkasumas dhaabbilee tiraansfoormi USAID jedhamanirraa deeggarsa argameen yeroo ammaa maashinoonni 7 galuun tajaajilaaf qophiidhas jedhaniiru.

Kadir Mahaammadtu gabaase

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment