Hospitaalli Haadholii fi Daa’immanii Abbabachi Goobanaa eebbifame

Finfinnee, Gurraandhala 4, 2013 (FBC) – Ityoophiyaatti guddaa fi ammayya’aa kan ta’e Hospitaalli Haadholii fi Daa’immanii Abbabachi Goobanaa eebbifameera.
Itti aantuun Kaantibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanachi Abeebee Hospitaalicha eebbiisaaniiru.
Hospitaalli kun lafa karee Meetira kuma 22 irra kan qubate yoo ta’u, baasii birrii miiliyoona dhibba 7 ijaarrame jedhame.
Sireewwan ciisichaa 400 fi haadholii 7 sa’aatii walfakkaatuutti yaala baqaqsanii yaaluun deessisuuf humna kan qabuudha jedhame.
Kutaawwan Tajaajila giddu gala beekkumsaa 100 kan hammate ta’uus ibsameera.
Sirna eebbaa kanarratti Preezdaantiin mana Murtii waliigalaa Federaalaa aadde Ma’aazaa Ashannaafii, Abbootiin amantaa, Dooktarri Kabajaa Abbabachi Goobanaa fi keessummoonni waamichi taasiifameef argamaniiru.
Yismaay Adaraatu gabaase
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment