Hospitaalli Amboo harka qalleeyyii kuma 1 oliif yaala tola eegale

Finfinnee, Hagayya 27, 2014 (FBC) – Hospitaalli Rifeeraalaa Yuunivarsiitii Amboo namoota harka qalleeyyii kuma 1 oliif deeggarsa wal’aansa fayyaa bilisaa kennuu eegale.

Hospitaallichi guyyootaa shaniif kan turu tajaajila wal’aansa bilisaa jiraattoota Magaalaa Amboo fi naannawaa isheef kennaa tureera.

Daayrektarri Meedikaalaa Hospitaalichaa Dooktar Araarsaa Horeessaa, kenni tajaajila lammumaa eegalame tajaajila idileen akka walitti hinbuunetti magaalaa Amboo iddoowwan shanitti gaggeeffamaa jiraachuu dubbataniiru.

Tajaajilichaan wal’aansi fayyaa guutuun kan kennamu ta’uun eerameera.

Namootni tajaajila wal’aansa fayyaa bilisaa argatan sababa humna dhabuun dhukkuba waliin turu himuun, yaala Hospitaalichi kennuutti tajaajilaamuu fi wal’aansa argachuutti akka gammadan ibsuu ragaan Waajjira Kominikeeshinii Godina Shawaa Lixaa irraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment