Finfinnee, Muddee 21, 2014 (FBC)- Hospitaala waliigala Ambootti tajaajilli qaroo baqaqsanii yaaluu bilisaan laatamaa jira jedhameera.
Tajaajilli kun dhaabbata ‘Fred Hollows Foundation’ jedhamuun Hospitaala Walii Galaa Ambootti kennamaati jira.
Ispeeshaalistiin Hospitaala waliigala Amboo Dooktar Mirat Dayyeessaa akka himanitti, namoonni hedduu rakkoo maallaqaaf qaroo isaanii dhabaniiru jedhan.
Tajaajila bilisaa dhaabbanni kun taasiseen lammiilee
hedduun agartuun isaanii moora ijaatiin haguugamuun qaroo dhabummaaf saaxilaman karaa salphaa ta’een fayyaa akka jiran himaniiru.
Yaala kaananis guyyaatti namoota 30-40 baqaqsanii akka yaalanii fi marsaa kanatti namoota 225 yaaluuf Mudde 20 eegalanii hojjechaa jiraachuu himuusaanii ragaan waajjira kominikeeshinii godina Shawaa Lixaarra argamee ni muul’dhisa.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna