Hospitaala Riifeeraalaa fi barsiisummaa Asallaatti Laaboraatooriin qorannoo vaayrasii koroonaa hojii eegale

Finfinnee, Eebila 9, 2012 (FBC) – Naannoo Oromiyaa Hospitaala Riifeeraalaa fi barsiisummaa Asallaatti Laaboraatooriin qorannoo vaayrasii koroonaa hojii eegale.
 
Laaboraatooriin kun guyyaan samuudaa namoota 72 qorachuu danda’a jedhame.
 
Daayreektarri Meedikaalaa Hospitaalichaa Dooktar Namoo Amboo giddugala qorannichaatti meeshaaleen barbaachisan hundi guuttamuun hojii eegaluu isaa ibsaniiru.
 
Diiniin Koolleejjii Saayinsii Fayyaa Yuunvasiitii Arsii Margaa Baayyuu gama isaaniin giddugalichi hojii eegaluun isaa tattaaffii weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf taasifamu milkeessuuf shoora olaanaa qaba jedhaniiru.
 
Giddugalichi ulaagaalee barbaachisan hunda guutuun Insitiityuutii Fayyaa Hawaasaa Ityoophiyaarraa eeyyama hojii argateera jedhan.
 
Hojii qorannoo laaboraatoorii cinaatti iddoon tursiisa addaas qophaa’uu isaa obbo Margaan himaniiru.
 
Hospitaalli Boqojjiis tajaajila yaala dhibee koroonaaf akka oolu hojiin gurmeessuu xumurameera jedhame.
 
Naannichatti giddugalli qorannoo Yuunvarsiitii Haramayaa fi Adaamaa hojii eegaluun isaanii kan yaadatamuudha.
 
Afawarqi Iyyaayyutu gabaase.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa
Comments (0)
Add Comment