Finfinnee, Bitootessa 14, 2017 (FMC) – Horteewwan Jahan Bachoo Malkaa Ateeteetti wal-arguun Godaansa Gadaa Muudanaatiif Baallii Gadaa Meelbaa irraa fuudhuuf qophii gaggeessaniiru.
Horteewwan Jahan Bachoo Kilaastara Buraayyuu Kutaa Magaalaa Gafarsa Gujee Malkaa Ateeteetti argamuun Godaansa Gadaa Muudanaatiif Baallii Gadaa Meelbaa irraa fuudhuuf qophii gaggeessaniiru.
Saganticha irratti leenjii hubannoo uumuu maalummaa Sirna Gadaa kennamuun, sagliin Abbootii Gadaa kilaastara Buraayyuu Kutaalee Magaalaa Gafarsa Gujee, Buraayyuufi Malkaa Noonnoo irraa hundeeffameera.
Sagantaa kana bakka hoggansi kutaalee Magaalaa sadeenii, Abbootiin Gadaa, Abbaan Duulaa, Abbaan Caffee, Hayyoonni Jahan Bachoo, Haadholii siinqeefi Foolleewwan Sirna Gadaa Oromoo argamanitti qophiin gaggeeffamuu ragaan Kominikeeshinii magaalaa Shaggarirraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ityoophiyaa