Horsiisee bultoota hongeen miidhamaniif deeggarsi taasiifame

Finfinnee, Mudde 10, 2015 (FBC) – Dhaabbnni Gargaarsa Mullis jedhamu Godina Booranaa Aanaa Dubulluqitti horsiisee bultoota hongeen miidhamaniif Daakuu kuntaala 200 ol gumaacheera.

Pireezidantiin Majilisaa Oromiyaa Sheek Jamaal Muusaa Jiloon deeggarsi hawaasa horsiisee bulaa kaneeniif laataniiru.

Itti aanaa Bulchaan Godina Booranaa, Obbo Abdisalaam Wariyoo deeggarsa kennameef galateffachuun, rakkoo hawaasa horsiisee bulaa kanneenii daraan hammachaa dhufuu ibsuu OBN gabaaseera.

Aanaa Dilloottis maatii hongeen miidhaman133f Horiin dhaabbii deeggarsaan laatameera.

Aanichatti sosochii Aadaa Buusaa Gonofaan waldeeggaruu hojjatamaa jiruun re’ootaa fi hoolota 185, loowwan13 fi Gaala 28 waliigalaan horii 226 walitti qabuun maatii 133 deeggarsaan laatamuu itti gaafatamaan Waajjira Buusaa Gonofaa Aanichaa Obbo Roobaa Dabbaso himaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment