Horsiisee bultoota aanaa Madda Walaabuutiif deeggarsi marga loonii hidhaan kumni 2 taasifame

Finfinnee, Eebila 10, 2014 (FBC)- Proojektiin “Africa Rising” horsiisee bultoota Aanaa Madda Walaabuutiif deeggarsa marga loonii hidhaa kuma 2 taasiseera.

Proojektichatti qindeessaan damee Godina Baalee Obbo Addisuu Asfaaw, kaayyoon deeggarsichaa horsiisee bultoota Godina Baalee hongeef saaxilaman yeroo rakkootti bira dhaabbachuufi jedhaniiru.

Deeggarsi nyaata loonii hidhaa kuma 2 taasifne kun rakkoo horsiisee bultoota aanichaa furuu baatus aantummaafi itti gaafatamummaa hawaasummaa keenya ba’achuuf jenneetis jedhan.

Akka godinichaatti horsiisee bultoonni aanaalee 6 keessa jiran, rakkoo hongeef saaxilamuu bakka bu’aan Waajjira Buusaa Gonofaa godinichaa obbo Mahaammad Gabii himaniiru.

Proojektiin ‘Africa Rising’ yeroo rakkoo kanatti hawaasa cinaa dhaabbachuu isaaf maqaa deeggaramtootaa fi bulchiinsa godinichaatiin galateeffataniiru.

Akka OBN gabaaseetti carraaqqii mootummaan sagantaa idileetiin taasisuun cinaatti tumsi qooda fudhattoota garaagaraa cimee akka itti fufu gaafataniiru.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment