Horsiisee bultoonni inshuraansii beeyladaa akka bitatan waamichi dhiyaate

Finfinnee, Fulbaana 9, 2017 (FBC)- Horsiisee bultoonni inshuraansii beeyladaa bara 2017 marsaa jalqabaa akka bitatan Ministeerri Qonnaa waamicha dhiyeesse.

Gurgurtaan inshraansii beeyladaa naannawaa horsiisee bultootaatti Hagayya 26, 2016 gaggeeffamu kan eegale yoo ta’u, Fulbaana 20, 2017 akka xumuramu ministeerichi ibseera.

Gurgurtaan inshuraansichaa waggaatti yeroo lama kan gaggeeffamu fi barana horsiisee bultoonni kumni 80 inshuraansicha akka bitatan taasisuuf karoorfamuun eerameera.

Marsaa kanaan horiisee bultoonni kuma 35 akka bitatan taasisuuf hojjetamaa akka jiru himameera.

Inshuraansichi kan hojiirra kan oolu deeggarsa Baankii Addunyaa fi Ministeera Qonnaan kan hundaa’e Pirojektii Fooyyessaa Sona Diinagdee fi hir’isa balaa Horsiisee bultootaan akkasumas tumsa dhaabbilee tumsitootaan akka ta’e eerameera.

Barana inshuraansichaaf horsiisee bultoonni %30 yoo kaffalan %70 ammoo pirojektichaan kan uwwifamu ta’uu ibsameera.

Fiqirtee Kabbadaa fi Masaafinti Iyyaayyuutu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment