Horsiisee bultoonni Godina Booranaa deeggarsi Raayyaa Ittisaaf taasiisan itti fufuu ibsameera

Finfinnee, Hagayya 3, 2013 (FBC) – Horsiisee bultoonni Godina Booranaa sangootaa 59 fi Re’oota 300 Raayyaa Ittisaaf deeggarsi taasiisan gara adda waraanaa imalaa jiraachuu ibsameera.

Horsiisee Bultoonni kunneen hanga ammaatti maallaqaa fi akaakuun deeggarsa Birrii miiliyoona 2.175tti tilmaamamu deeggarsa taasiisuu Itti Gaafatamaan Waajjira Bulchiinsa godinichaa obbo Roobaa Odaan ibsaniiru.

Dubartoonni godinachaa qofa galaa Birrii kuma dhibba 1 fi kuma 50tti tilmaamamu kuntaala 19 qopheessuun deeggarsa taasiisuu ibsaniiru.

Akka godinichaatti marsaa duraan deeggarsi galaa Birrii miiliyoona 5 ol ta’u taasiifamuu obbo Roobaan himaniiru.

Maddi:-TOI

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment