Hordoftoonni amantaalee aadaa waldeeggaruufi walgargaarsaa wayita soomaa raawwatan yeroo maraa taasisuun itti fufuu qabu- YDhA

Finfinnee, Eebla 5, 2015(FBC)- Hordoftoonni amantaalee aadaa waldeeggarsuufi walgargaarsaa wayita soomaa raawwatan yeroo maraa taasisuun itti fufuu akka qaban Yaa’iin Dhaabbilee Amantaa ibse.

Waqtii soomaa namni fedhii fooniirraa of fageessuun fedha hafuuraaf kan bitamu ta’uufi akka barsiifata amantaa isaatti hojiilee gaggaarii kan hojjetu ta’uu ibsameera.

Barreessaan yaa’ichaa Lubni Taagaay Taaddalaa, amantaaleen hojiilee gaggaariifi kennaa hafuuraa kan namaaf kennan ta’uu eeraniiru.

Aadaan waldeeggaruufi walgargaarsaa hordoftoonni amantaalee waqtii soomaatti taasisan kan yeroo maraa ta’ee itti fufuu qaba jechuusaanii TOI gabaaseera.

Amantoonni gorsa abbootii dhaggeeffachuuniifi gocha badaarraa of qusachuun gaarummaa akka mul’isan waamicha dhiyeessaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment