Hordoftoonni amantaa Kiristiiyaanaa ayyaana Qillee harka qalleeyyii deeggaruun kabajuu qabu jedhame

Finfinnee, Muddee 27, 2013 (FBC) – Hordoftoonni amantaa Kiristiiyaanaa ayyaana Qillee wayita kabajan rakkataa fi harka qalleeyyii gargaaruun kabajuu akka qaban preezdaantoonni naannoo Soomaalee fi Kibbaa ibsan.

Preezdaantoonni kunneen turtii Faanaa Broodkaastiing Korporeet waliin taasisaniin hawaasni wayita ayyaana kana kabaju weerara vaayrasii koroonaaf of eeggannoo taasiisuu akka qaban hubachiisaniiru.

Ityoophiyaatti lammiileen sababoota garaagaraan qa’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’uun deeggarsa barbaadan hedduu ta’uu itti aanaan preezdaantii naannoo Kibbaa obbo Ristuu Yirdaa dubbataniiru.

Hordoftoonni amanticha wayita ayyaana kana kabajan lammiilee kanneen yaadachuu qabu jedhan.

Hordoftoonni amantaa Kiristiyaanaa wayita ayyaana kana kabajan lammiilee deeggarsa barbaadan cinaa ta’uu isaanii agarsiisuu akka qaban itti aanaan Preezdaantii naannoo Soomaalee obbo Musxafee Mahaammadis eeraniiru.

Hawaasni ayyaana Qillee yeroo kabaju weerara vaayrasii koroonaaf of eeggannoo cimaa taasisuu qabus jedhan.

Boru jiraachuuf har’a of eeggannoo taasiisuun bu’uura ta’uu kan ibsa Preezdaantoonni kunneen, weerarichi gara sadarkaa hammaattaatti akka hin ceene qaamni hundi itti gaafatamummaa isaa ba’uu akka qabu waamicha dhiyeessaniiru.

Preezdaantoonni lameen hordoftoota amantaa kiristiiyaanaa maraaf ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Zufaan Kaasahuuntu gabaase.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment