Hora Harsadiitti giddugalli aadaa Oromoo ijaarramaa jira

Finfinnee, Gurraandhala 25, 2013 (FBC) –Magaalaa Bishooftuutti kan argamu Hora Harsadiitti giddugalli aadaa Oromoo ijaarramaa jira jedhame.
Giddugalichi baasii Birrii miiliyoona 100 oliin kan ijaarramuu ta’u bulchiinsi magaalaa Bishooftuu ibseera.
Baasii guddugalichaas bulchiinsa magaalaa Bishooftuun kan uwwifamuu yoo ta’u, diizaayiniin giddugalichaa aadaa Oromoo bifa ibsun bocamuu ibsameera.
Magaalaa Bishooftuu giddugala tuuriizimiif daldalaa Gaanfa Afrikaa taasisuuf hojjetamaa jira jedhameera.
Guyyaa har’aa Hooggansi Magaalaa Bishooftuu Abbootii Gadaa fi qamoleegaragaraa waliin ta’uun giddugalicha daawataniiru.
Ijaarsii giddugalichaa lafa bal’ina kiilo meetira 4803 irratti ijaarsisaa eegaleera.
Mootummaa Naannoo Oromiyaas ijaarsa giddugalaa kanaaf deeggarsa barbaachisu taasisuuf hojjechaa jiraachuu ibsameera.
Guddugalichi galmaa, manneen nyaata, suuqoota daldalaa, bakka bashanannaa fi ulaagaalee barbaachisoon guutamee ijaarramaa jedhameera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment