Hora Finfinnee; Ulfoo keessanitti ulfina Dachaa waan hortaniif Galatoomaa –Pireezidaanti Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Fulbaana 25, 2017 (FBC) – Pireezdaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisan hirmaattoota Irreechaa Hora Finfinnee galateeffataniiru.

Guutuun ergaa isaanii akka itti aanuutti dhiyaateera.

“Irreecha Hora Finfinnee; Ulfoo keessanitti ulfina dachaa waan hortaniif Galatoomaa.

Irreecha Hora Finfinneef Oromoon Kaabaa Kibbaa, Bahaafi Lixaa kallattii hundaan saboota, sablammootaafi uummattoota obboleewwan isaa biroo waliin timmisuun handhuura lafa isaatti wal ga’ee ulfoo isaatti ulfina dachaa horeera.

Kana malees, diyaaspooraafi lammileen biyya alaa yeroo duraaf kumaatama hedduun lakkaa’aman argamuun Irreechi Arda jilaa uummata Addunyaa ta’uu isaa gochaan mirkaneesseera.

Hirmaannaan obboloota keenya sabootaafi sablammootaa kun kan agarsiisu ammoo ayyaannni Irreechaa ayyaana waloo jaalalaan guutamefi ayyaana gara ayyaana biyyaalessaatti ol guddachaa jiru ta’uu isaati.

Irreechi Hora Finfinnee Abbaa ulfoo uummata Oromoon ulfeeffameefi jaalattootaaf dinqisiiffattootaanis dabaalamee karaa raajii ta’een kabajamuun milkaa’inaan goolabameera. Kanaanis Irreechi Ardaa jilaa galateeffannaan irratti mul’ifamu, araarriifi tokkummaan itti lallabamuufi jibbi jaalalaan mo’amee obbolummaan itti ol qabamu waltajjii eebbifamaa ta’uu gochaan waan mul’iftaniif galatooma.

Ayyaana guddaa akkasii keessummeessuun nagaafi nageenya eeggatanii; safuuf safeeffannaan guutamanii xiqqaan guddaaf abboomamee karaa nagaan xumuramuun isaa uummanni keenya uummata nagaa jaallatu; aadaafi duudhaan keenyas kan nagaaf bakka laatu waan ta’eef naannoofi biyya keenya injifannoo guddaa gonfachiiseera.
Finfinneefis miidhagina addaa dabaluun sadarkaa Idil Addunyaatti caalmaatti akka hawwatamtu taasisuu bira darbee Oromoon kan nagaa tiksu, obbolummaa jabeessuufi dhugumaan hammataa ta’uu irra deebiin waan mul’iftaniif ulfaadhaa, hora qe’ee keessaniirra bulaa jechuun barbaada.

Icciitiin milkaa’ina keenyaa wal dhaga’uufi tokkummaa qabaachuu keenyadha.
Bakka tokkummaafi jaalalli jiru nagaafi milkaa’inatu jira. Irreechi Hora Finfinnees duudhaa, safuufi safeeffannaa akkasumas seeraaf sirna isaa eeggatee milkaa’ina olaanaan xumurameera.
Abbootiin Gadaa, Haadholiin Siinqee, Qeerroofi Qarreen, Foolleen uummanni Oromoo hundi Aadaa keenya tiksitanii akkuma asiin geessan har’as ulfoo Oromootti kabaja horuufi nageenya ayyaanichaas eegsisuun injifannoon keessan egereef akka ce’u taasifatanittu.

Hoggansiifi jiraattotni magaalaa Finfinnee seensa magaalichaa shanan irratti simannaa ho’aan keessummoota simattanii jaalaala ajaa’ibaa waan agarsiiftaniif maqaakoofi maqaa mootummaa Naannoo Oromiyaatiin galatoomaa jechuun barbaada. Sabootniifi sablammoonni, caasaaleen mootummaa sadarkaan jirtan, keessummoonni Idil Addunyaa, caasaaleen nageenyaa Mootummaa Federaalaa, Bulchiinsa Magaalaa Finfinneefi Naannoo keenyaa hundi ayyaanni Irreechaa karaa duudhaafi sirna isaa eeggateen akka kabajamu waan taasiftaniif Mootummaan Naannoo Oromiyaa galata guddaa isiniif galcha.

Ogeeyyiin miidiyaa biyya keessaafi biyya alaa ayyaanni Irreechaa ayyaana galateeffannaa, arda jilaa araaraaf dhiifamaa, kan nageenyiifi jaalalli itti lallabamu tokkummaafi obbolummaan miidhagu duudhaa gaarii addunyaan bulfachuu qabu ta’uu isaa hubattanii ogummaa keessaniin dabaaltanii ijaafi gurra uummata addunyaatiin geessan hundi galatoomaa jechuun barbaada.

Kabajamaa uummata Oromoo, saboonni, sabalmmootniifi uummattootni biyya keenyaa akkasumas keessummoonni biyya alaa nu waliin argamtanii akkuma guyyaa har’aa Hora Finfinneetti milkii arganne Hora Arsadeettis uumaan keenya milkaa’inaaf nu kaadhimaa; nus milkaa’ina bulfannee milkiin imallee Caaccuuf Kallacha ulfoo Oromoo bobba’ee jiruuf kabaja laannee uumaa galateeffachuuf bobba’uu qabna.

Milkiin Hora Finfinnee irratti mul’ate, jaalalliifi tokkummaan oljedhe Irreecha Hora Arsadee guyyaa boruu magaalaa Bishooftuutti kabajamu irrattis akka mul’atuuf hunduu ga’ee keenya haa baanu. Ulfoo keenyaaf ulfina laanneefi guddummaa keenya agarsiisuun akka Irreeffatamuuf gummaacha isin irraa eegamu akka taasiftan waamicha koon dhiyeessa.

Oromiyaa ni ijaarra!
Itoophiyaa ni utubna!
Gaanfa Afrikaa ni tasgabbeessina!
Waaqayyos nu gargaara!

Shimallis Abdiisaa, Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Fulbaana, 25
bara 2017

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment