Hoospitaalli Speeshaalaayizdii Q/Pheexroos dandamannaa yaala vaayrasii koroonaa ta’uufi

Finfinnee, Eebila 10, 2012 (FBC) – Hoospitaalli Speeshaalaayizdii Q/Pheexroos torbee dhuftuu eegalee guutummaatti dandamannaa yaala vaayrasii koroonaa ta’uufi.

Ministir deettaan Ministeera Fayyaa Dooktar Darajjee Dhugumaan har’a hoospitaalicha daawwataniiru.

Wayita daawwichaattis hoospitaalichi dandamannaa vaayrasii koroonaatif akka oolu filatamuu beeksisaniiru.

Dooktar Darajjeen sochii weerara vaayrasichaa ittisuuf taasifamaa jiru, dhiyeessii meeshaalee yaalaa fi haala ogeeyyii fayyaa daawwataniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment