Hoospitaala Yaadannoo Giiftii Illeenii Mahaammada Yuunivarsiitii Waachaamoof deeggarsi meeshaalee yaalaa Birrii miiliyoona 4 olitti tilmaamamu laatame

Finfinnee, Onkololeessa 3, 2013 (FBC) – Hoospitaala Yaadannoo Giiftii Illeenii Mahaammad Yuunivarsiitii Waachaamoof deeggarsi meeshaalee yaalaa Birrii miiliyoona 4 olitti tilmaamamu laatame.
 
Deeggarsichi kan argame waldaa tola oolaa Fireendis Of Homacho Ameerikaatti argamurradha.
 
Akka gabaasa EBCtti Hojii Gaggeessaa Olaanaa Hoospitaalichaa Dooktar Ayyaanoo Shaanqoo meeshaaleen yaalaa deeggarsichaan argame olaantummaan kutaa waldhaanamtoota balaa tasaa fi dhukkubni itti cime tajaajiluuf kan oolu ta’uu himaniiru.
 
 
Daayrektarri Medikaalaa Hospitaalichaa Dooktar Adaanaa Dastaa gama isaaniin hoospitaalichi fayyaa hawaasaa eeguu cinaatti hojiiwwan hedduu kan hojjetu ta’us, meeshaalee yaalaa hin guutamne waan qabuuf deeggarsi rakkoo akka kanaa furuu kan danda’uudha jedhaniiru.
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment