Hoomaan Awwaannisaa Godina Harargee Lixaa aanaa 8 keessatti muul’ate oomisharra miidhaa qaqqabsiisee

Finfinnee, Onkololeessa 4, 2013 (FBC) – Hoomaan Awwaannisaa Godina Harargee Lixaa aanaa 8 gandoota 157 keessatti muul’ate oomisharra miidhaa qaqqabsiisuu ibsame.
 
Jilli hooggannaa Biiroo Qonnaa fi Qabeenyaa Uumamaa obbo Dhaabaa Dabaleen durfamu godina Harargee Lixaa aanaa Gubbaa Qorichaatti argamuun weerara hoomaa Awwaannisa Gammoojjii ittisuuf hawaasa naannichaa waliin hojjechaa jira.
 
Diroonii fayyadamuun hoomaa kana haleelaa jiraachuu ibsameera.
 
Hoomaan Awaannisaa kun godinaalee Harargee Bahaa, Harargee Lixaa fi Shawaa Bahaa aanaa Fantaalleetti muul’ateera.
 
Weerara kana ittisuuf Diroonii fayyadamuun biifaan keemikaalaa gaggeeffamaa jiraachuu obbo Dhaabaan dubbataniiru.
 
Weerarri Hoomaa Awwaannisaa kun hanga ammaatti godina Harargee Lixaa aanaalee 8 gandoota 157 keessatti lafa hektaara kuma dhibba 1 fi kuma 24 irratti muul’achuu ibsaniiru.
 
Lafa hektaara kuma 25 fi 652 irratti miidhaa qaqqabsiiseera.
 
Hanga ammaatti lafa hektaara kuma 1 fi 246 irratti keemikaallii biifameera.
 
Weerara kana ittisuuf hawaasni hundi hirmaannaa cimaa taasisuu akka qabu obbo Dhaabaan waamicha taasisuu isaanii ragaan Biiroo Qonnaa fi qabeenya Uummamaa Oromiyarraa argame ni agarsiisa.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
Comments (0)
Add Comment