Hoomaa simbira girrisaa to’achuuf guyyoota sadan dhufan biiffaan Keemikaalaa xiyyaaran ni eegalama – Ministeera Qonnaa

Finfinnee, Fulbaana 11, 2016 (FBC) – Naannoo Oromiyaa fi Amaaraatti Hoomaa simbira girrisaa to’achuuf guyyoota sadan dhufan biiffaan Keemikaalaa xiyyaaran kan eegalamu ta’uu Ministeerri Qonnaa beeksise.

Naannolee kanneenitti iddoolee hoomaan Simbira girrisaa mudatetti biiffaan keemikaala kan eegalamu ta’uu ministeerichatti dursaan garee eeggumsa Biqiltuu Obbo Laayinahi Niguseen Faanaa Biroodkaastiing Korporeetiif himaniiru.

Hojiin qophii duraa fi dhiyeessiin keemikaalaa xumuramuu kaasaniiru.

Iddoolee hunda xiyyaaraan waliin ga’uun waan hin dandamneef Qonnaan Bulaan mala Aadaan hojii ittisuu akka hojjetu gaafataniiru.

Tibbana Hoomaa Simbira girrisaa miiliyoona 5 Harargee Bahaatti mudate to’achuun danda’amuu eeraniiru.

Afawarq Iyyaayuutu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment