Hoomaa awwaannisaa mudate ittisuuf hojjetamaa jira

Finfinnee, Amajjii 21, 2012 (FBC) – Hoomaa awwaannisaa mudate ittisuuf xiyyaaraan keemikaalli biiffamaa jira.

Hoomaan awwaannisaa naannoolee biyyatti garagaraa keessatti kan mudate yoo ta’u, tibbana ammoo naannoo magaalaa Adaamaa fi godina Halaabaatti mudatee jira.

Guyyaa har’aa gandoota baadiyyaa naannoo magaalaa Adaamaatti hoomaan awwaannisaa mul’chuun himameera.

Hoomicha ittisuuf mala aadaa fi hirmaannaa ummataan hojjetamaa jira.

Bakka humni namaa hin qaqqabnetti ammoo keemikaalli xiyyaaraan biifamaa jiraachuu ragaan Biiroo Dhimmoota Koominikeeshinii Mootummaa Naannoo Kibbaa fi bulchiinsa magaalaa Adaamaa irraa argame ni agarsiisa.

Hoomaan awwaannisaa kun yeroo ammaa godinaalee Oromiyaa garagaraa fi godinoota naannoo ummattoota Kibbaa 6 keessatti mul’ateera.

 

Comments (0)
Add Comment