Finfinnee, Adooleessa 22, 2013 (FBC)-Preezdaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa Hooggantootaa fi hojjettoota tajaajila gurguranii fi hannatti bobba’an qulqulleessuun, sirna jabaa uummataaf mijatu ni ijaarra jedhaniiru.
Waltajjiin gamaggama raawwii hojii BMNO bara 2013fi kallattiin raawwii hojii bara 2014 Adaamaa galma abbaa gadaatti ta’amaa tureera.
Haaluma kanaan xumura gamaggama hojii kanaanis godinaalee, madaallii fi sadarkeessi manneen hojii sekteroota naannoo,godinaalee fi magaalotaa gaggeefameen kanneen raawwii hojii olaana galmeessaniif badhaasni yeroo jalqabaaf Waajjira pireezidantiin qophaa’e, moggaasa “Presidential Award of Oromia Regional State” qabu kennameera.
Akkaataa kanaan cuunfaa madaallii hojii waliigalaa bara 2013’n godinaalee Oromiyaa keessaa Godinni Jimmaa 1ffaa yoo bahu, Godinni Arsii, Harargee Bahaa fi Buunnoo Beddellee warreen sadarkaa 2ffaa hanga 4ffaa qabatanidha.
Magaalota Oromiyaa keessaa Magaalaan Adaamaa 1ffaa yoo bahu, Bishooftuu, Duukamii fi Galaan 2ffaa hanga 4ffaa bahuun badhaafamaniiru.
Manneen hojii sadarkaan naannoo Oromiyaa keessaa Biiroon Misooma Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa Sadarkaa 1ffaa yoo qabatu , Abbaa Taayitaa Galiiwannii fi Biiroon Barnoota Oromiyaa duraa duubaan sadarkaa 2ffaa fi 3ffaa qabataniiru.
Qaamolee kanneeniif konkolaataa,geebaa fi waraqaan ragaa kennamaniiru.
Gama biraan sektarootoonni sadan akka naannootti jiran Sektarri Misooma baadiyaa tokkoffaa yoo tahu Hawaasummaa fi Magaalli wal-duraa duuban 2ffaa fi 3ffa ta’an.
Dhumarratti haasaa kan taasisan Preezdaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa,hojii qabatamaa hunduu hojjeteen jijjiiramnii fi injifannoon naannoo keenya keessatti mul’atuu eegaleera jedhan.
Badhaasni kunis miira dorgommii wal jidduutti uumuun injifannoo caalmaaf akka nu kakaasuuf madaallii gaggeeffame ta’uu hubachuun qaamni kamuu miira dorgommiin hojjechuu akka qabu taasisuuf kan raawwate ta’uu dubbachuusaanii ragaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaarra argamee ni muul’dhisa.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.