Hooggantoonni olaanoo fi giddugaleessa mana murtii waliigalaa FDRI ‘maaddii biyyaaf’ miindaa baatii 1 laachuuf waada galan

Finfinnee, Hagayya 21, 2012 (FBC) – Hooggantoonni olaanoo fi giddugaleessa mana murtii waliigalaa FDRI ‘maaddii biyyaaf’ miindaa baatii 1 laachuuf waada galaniiru.

Abbaa Alangaa Waliigalaa Federaalaa Dooktar Geediyoon Ximootiyoos, Shaggar miidhagsuu fi paarkii Inxooxxootti hojiin dinqisisaan muuldhatan gara iddoowwan birattii akka babaldhataniif ashaaraa keenyaa ka’uuf yaaduun waada gallee jedhaniiru.

Haaluma walfakkatuun hooggantonnii fi hojjeettonni mana murtii waliigala proojaktii Shaggar miidhagsuu fi paarkii Inxooxxoo daawwataniiru.

Hoogantonnii fi hojjattoonni daawwii taasisan kunneen hojiiwwan hojjeetama dinqisifachuun, murannoo yoo jiraatee proojaktii kaminiyyuu xumuruun akka danda’amuuf agarsiiftuudha jedhaniru.

Hojiiwwan proojaktii Shaaggar miidhagasuu fi paarkii Inxooxxo hiikkaa Ityoophiyumma kan qaban ta’uus bara baratti cee’aadha jedhaniiru.

Habtaamuu Taakilasillaaseetu gabaase
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment