Hooggantoonni Ministeera Aadaa fi Turizimii hoteelota magaalichatti argamanirratti daawwannaa fi sakatta’insa tasaa taasisan

Finfinnee, Bitootessa 27, 2012 (FBC) – Hooggantoonni Ministeera Aadaa fi Turizimii hoteelota magaalichatti argamanirratti daawwannaa fi sakatta’insa tasaa taasisan.

Hooggantoonni Ministeera Aadaa fi Turizimii Gamtaa Abbootii hoteelaa Finfinnee waliin ta’uun  hoteelota magaalichatti argamanirratti daawwannaa fi sakatta’insa tasaa taasisuu ibsame.

Daawwanichi kan taasifame hoteelonni weerara COVID-19 waliin walqabatee ofeeggannoo taasisaan sakata’uuf jedhame.

Gareen Ministira Ministeera Aadaa fi Turizimii FDRI Dooktar Hiruut Kaasaawun durfamu haala taa’umsa fayyadamtoota, qulqullina hoteelotaa, dhiyeessi meeshaalee qulqullinaa fi ofeeggannoowwan taasifamu qaban ilaaleera.

Hoteelonni hedduun ofeeggannoo garii irratti kan argaman yoo ta’u, darbee darbee namoonni walitti dhiyaatanii kan taa’anii fi hojjetoonni hoteelaa meeshaalee of eeggannoo kan hin fayyadamne argamuu ibsameera.

Hoteeloonni hanqina akkasi agarsiisan akka sirreessaan itti himamuu ragaan Ministeera Aadaa fi Turizimii argame ni muldhisa.

 

Comments (0)
Add Comment