Hooggantoonni hojii olaanoo adeemsa olaantummaa seeraan kan miidhaman miseensoota raayyaa ittisa biyyaa humna addaa naannoo Amaaraa daawwatan

Finfinnee, Muddee 19, 2013 (FBC) –Hooggantoonni hojii olaanoo adeemsa olaantummaa seeraan kan miidhaman miseensoota raayyaa ittisa biyyaa humna addaa naannoo Amaaraa daawwatan.
Daawwanichaan Ministirri Dhimmoota Hojjetaa fi Hawaasummaa Dooktar Ergoogee Tasfaayee, Ministirri Aadaa fi Tuuriizimii Dooktar Hiruut Kaasaa, Sadarkaa Preezdaantii Mootummaa Naannoo Amaaraatti Qindeessaa Kilaastaraa Hawaasummaa fi Hogganaan Biiroo Dhimmoota Hojjetaa fi Hawaasummaa Dooktar Muluunash Abaabaa dabalatee hoggantoonni hoji olaanoo mootummaa argamaniiru.
Magaalaa Baahiir Daaritti kan argamu hoospitaala raayyaa ittisa biyyaa ajaja Lixaa fi bakka turtii miseensoonni humna addaa itti argaman daawwataniiru.
Miidhaa qaamaa irra ga’eef deeggarsa akkasumaas hoospitaalootaaf wilcharii, kiraachii fi wookarii deeggarsaa taasisaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment