Hooggansi Waraanaa Sudaan labsii yeroo ariifachiisaa labsee ture kaase

Finfinnee, Caamsaa 22, 2014 (FBC) – Hogganaan waraanaa Sudaan, Jeneraala Abdul Fattaa Al Buhuraan labsii yeroo ariifachiisaa bara darbe wayita fonqolchi mootummaa Sudaanitti gaggeefamee ture kan labsame kaasuu isaanii kaleessa beeksisaniiru.

Manni Maree Ce’umsaa Birmadummaa Sudaan, tarkaanfiin labsii ariifachiisaa kaasuun yeroo ce’umsaatti marii tasgabbaa’aa fi hiika qabeessa gaggeessuuf haala mijataa kan uumuu ta’uu ibseera.

Manni Maree Ittisaa Fi Nageenyaa biyyattiis labsiin yeroo ariifachiisaa kun akka ka’uu taasisuun, lammiileen wayitaa labsichi hojiirra oole hidhaman akka gadhiifaman murteessuu isaa Rooyitarsi gabaaseera.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment