Finfinnee, Mudde 23, 2017 (FMC) – Hoggansi sadarkaan jiru rakkoo kenna tajaajilaa furuuf xiyyeeffannoo barbaachisu kennuu akka qabu Pireezidaantii Itti Aanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii hubachiisan.
Guyyaa har’aa waltajjii Waajjira Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti taa’ameen, Koreen Hordoffiif deeggarsa argannoo supparvizyiinii haala kenna tajaajilaa baatiwwan jaha kilaastarotaa bakka Obbo Awwaluu Abdiin argamanitti dhiyeessuun gadii fageenyaan irratti mari’atameera.
Ummanni kan nuu filate akka tajaajilaa dhaqqabamaa, qulqullina qabufi loogii irraa biliisa ta’e kenninuuf jedhan Obbo Awwaluun.
Hooggansi sadarkaan jiru rakkoo kenna tajaajilaa mul’atu furuuf xiyyeeffannoo barbaachisu hunda kennuun hojjechuu akka qabu dhaamuu ragaan Waajjira Pireezidaantii naannoo Oromiyaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia