Hoogganaan lojastikii ajaja Kaabaa Meejar jenaraal Kadiir Araarsoo mana murtiitti dhiyaatan

Finfinnee, Muddee 7, 2013 (FBC) – Hoogganaan lojastikii ajaja Kaabaa Meejar jenaraal Kadiir Araarsoo mana murtii sadarkaa jalqabaa federaalaa dhaddacha ramaddii Araaddatti dhiyaataniiru.
Shakkaman kun ABO shanee waliin qindaa’uun magaalaa Finfinnee bakkeewwan garagaratti yakka heera mootummaa humnaan diiguu fi biyya ganuu raawwachuun shakkamuun yeroon qorannoo gaafatamee akka ture ni yaadatama.
Akkasumaas, mootummaan meeshaan waraanaa naannoo Tigiraay ture gara kutaa giddugaleessatti akka dhufu yoo barbaadu meeshaan waraanaa magaalaa Maqaleetti akka hin baanee kan mormee fi namoota qindeessuun preezdaantii mootummaa naannoo Somaalee duraanii Abdii Illee waliin ta’uun dhalattoonni naannoo Oromiyaa jumlaan akka ajjeesisee poolisiin ragaa akka qabu beeksiseera.
Qorataan poolisii raga dabalataa qindeeffachuuf guyyaan beellamaa 14 akka laatamuuf mana murtii gaafateera.
Manni murtiis gaaffii qorataan poolisii dhiyeeffate erga dhaggeeffate deebii shakkamaa kana dhaggeffachuun wayita yakki kun raawwatame dursee Adoolessa 2012 eegalee yaalaaf biyya akka turanii fi himata isaanirratti dhiyaate akka hin fudhannee fi mirgi wabii eeggamuuf gaafataniiru.
Manni murtiis falmii bitaa fi mirgaa erga dhaggeeffatee booddee mirgii wabii akka eegamuuf shakkamaan gaafate kufaa taasiseera.
Guyyaa beellamaa 14 qorataan poolisii gaafate keessaa guyyaa 8 eeyyamuun Muddee 15, 2013tti beellama laateera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment