Hoogganaan garee ABUT buqqaattota fakkachuun magaalaa Shiree keessaa socho’aa ture to’atame

Finfinnee, Muddee 9, 2013 (FBC)- Hoogganaan garee ABUT buqqaattota fakkachuun magaalaa Shiree keessaa socho’aa ture to’atameera.

Naannoo Baa’ikaar, Humaraafi Qaaftaatti wayita qindeessaa milisha olaanaa tureetti namoota  nagaarratti yakka raawwateera kan jedhame namni dhuunfa kun magaalaa Shireetti to’annaa jala ooluu Raayyaan Ittisa Biyyaa beeksise.

Ajajaan mekaanaayiizdi  kutaa waraanaa 5ffaa shaambaal Amaanuu’eel Ballaxaa, shakkamaan Inku’aayanaaw Mallasa jedhamu buqqaatota fakkaachuun magaalaa Shiree keessaa socho’aa ture jedhaniiru.

Namni dhuunfa kun naannoo Baa’iikaar, Humaraa fi Qaaftaatti itti gaafatamaa waajjira milishaa fi qindeessaa damee nageenyaa ta’uun ergama badii garee ABUT raawwataa turu ibsaniiru.

Maddi:-TOI

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment