Finfinnee, Gurraandhala 18, 2014 (FBC)-Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad hongee uumamaan dhufuus beelli bu’aa dhibaa’ummaati jedhaniiru.
MM Abiy Ahimad haala waqtaawaa biyyaa ilaalchisuun ibsa fuula miidiya hawaasa isaaniin baasaniin, waggoottan kurnaanif deddeebi’ee kan dhufuu hongee fi beelli seenaa keenya keessaatti qormaata guddaa nutti ta’eera jedhan.
Rakkoon beelaan dhufuu lammiileen lubbuu isaanii akka dhaban, nyaata akka of hin dandeenyee fi daa’immaan akka cuuqaraan maanguddoonni akka miidhamaan taasiseera jedhan.
Akkasumas beelladootaa fi bineensoota bosoonaarran miidhaa hamaa qaqqabsiisuu himaniiru.
Weerartoonni adiin nu bituuf dhufanillee hanga beelaa qormaata nutti hin taanee jedhan MM Abiy Ahimad ibsasaaniin.
Weerartoonni adiin nu bituuf dhufanillee hanga beela qormaata nutti hin taanee jedhan MM Abiy Ahimad ibsasaaniin.
Hongeen uumamaan dhufuus beellii u namtolcheedha jedhan akkasumas dhibaa’ummaa fi rakkoo imaammanni qonnaa biyyatti uumeenidha jedhaniiru.
Nyaataan of danda’uun waaraan beelaarra baraaramuuf akka biyyoolessaatti waloon hojjechuun dirqama jedhaniiru.
Qaamoleen dhiyeessi sanyii filatamaa fi meeshaalee qonnaarratti hojjechuu barbadanii mootummaan deeggarsa adda ni taasisaa jedhaniiru.
Akkasumas investeroota dhuunfa qonnaa jallisiirratti hojjetaniis karaa adda addaatin ni jajjabeessa jedhan.
Yeroo amma kana sababa hongeetin lammiilee godina Booranaa fi Somaaleef deeggarsi aarifataan ni barbaadhuu jedhaniiru.
Hanqina bishaanii fi nyaatatin beelladoonni akka baala harca’aa jiru. Beela hongeen fideen daa’immaan, maanguddoonni lubbuusaanii dhabaa jiru jedhan.
Hanga ganni dhufuutti ni eegna yoo jenne lammiilee hedduu ni dhabna.hongee muudateef falaa waaraa fiduuf hundi keenya hirmaannaa taasisuu lammiileef deeggarsa aarifataa taasisuu qabna jedhaniru.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.